Halkan Gaarii
Aduun gadi lixxee
Dhiyuuf gad gugguufti
Yeroo walii laattee
Halkanimmoo dhufti
Ifni karaa maqee
Dukkanaan da’ata
Qarri biiftuu cabee
Addeessi mul’ataa
Samiin ni miidhaga
Urjiidhan faayamee
Qalbiituu boohara
Ijaan ilaalamee
Boqqonnaa sammuuti
Haragalfii namaa
Wacni simbirrootaa
Gurraan dhaga’amaa
Yeroo itti burqu
Yaanni fi karoorri
Kan ittiin cufamu
Adeemsi fi karri
Yeroo surriin deege
Deebi’ee of ta’u
Ciisichi mijaa’ee
Dirri lafa ga’u
Ennaa qaamni kenya
Boqannaa argatu
Gamtaan tasgabbaa’e
Walfaana irkatu
Hurki hoo’an cophee
Yeroo itti qooru
Qilleensa qabbanaan
Qaamni nu bohaaru
Yaanni tokko ta’ee
Gar-tokkee arginee
Yeroo ittiin soorannu
Irbaata marqinee
Yeroo alaa gallu
Oolmaa dhiisee adda
Maatii waliin teenyu
Marsinee abiddaa
Yeroo barbadaanis
Haadhame boba’u
Dur duriif sheekodhaan
Namuu wal haasa’u
Yeroo hiibbifamee
Gaaffiin gaafatamu
Dhiyanni walfaanaa
Hawwiidhan eegamu
Gammachuu addaati
Furtuu guyyaa gaarii
Warri online
Martuu halkan gaarii
✍️Nasiro beriso.